Piroojektiin Shaggar Boqonnaa 2ffaan har’a cidha Misirroowwan cimdii 50n ni eebbifama

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Piroojektiin Shaggar Boqonnaa 2ffaan har’a cidha Misirroowwan cimdii 50n kan eebbifamu ta’uu ibsameera.

Piroojektiin Shaggar Boqonnaa 2ffaan xumuramu hordofee sirna eebbaaf kennaan addaa qophaa’uu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

Piroojektiin kun iddoolee Bashannan daa’immanii, Ispoortii fi qophiilee aartiif oolaan kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.

Waajjirri Muummee Ministiraa Misirroowwan cimdii 50 sirna gaa’ilaa raawwachuuf qophaa’an yookaa karoorfatanii osoo hin milkaa’iin turan ulaagaaleen filachuun sirna gaa’ila isaanii guyyaa har’aa Paarkii Michummaatti akka raawwatan karoorsuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment