Piroojektiin jireenya naannawaa Gammoojjii fooyyeessu marsaa 2ffaan ifoome

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC) – Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Piroojektii jireenya hawaasa naannawaa Gammoojjii fooyyeessu marsaa 2ffaa ifoomeera.

Piroojektiin kun naannolee 8 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu eerameera.

Raawwii piroojektichaaf Doolaarri miiliyoonni 424 qabamuu sagantaa eegalchiisaarratti ibsameera.

Piroojektiin jireenya horsiisee bulaa fi gariin horsiisee bulaa fooyyeessuuf qophaa’e kun naannolee 8 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay eeraniiru.

Piroojektichi Abbootii warraa kuma 600, maatii miiliyoona 3 ol kallattiin fayyadamoo kan taasiisu ta’uu ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment