Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Ityoophiyaatti Piroojektiin Anniisaa Haaromsaa Doolaara miiliyoona 20 oliin hojiirra oolu ifoome.
Ityoophiyaatti Giloobaal Inarjii Aliyyaans, anniisaa haaromsaa kana piroojektii hojiilee qonnaarratti eegalchiisuu ibsameera.
Sagantaa eegalchiisa isaarratti kan argaman Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan, waliinga’iinsi humna elektirikaa guddina diinagdeefi hawaasummaaf akkasumas jijjiirama qabeenya qilleensaa to’achuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Kana malees dameewwan fayyaa , barnootaa, dhiyeessii bishaan dhugaatii, magaalota fayyadamoo humna elektirikaa taasisuufi indaastirii babal’isuuf faayidaa guddaa qabaachuu kaasaniiru.
Biyyattiitti lammiileen walakkaan ol fayyadamoo humna elektirikaa akka hin taane ibsuun, rakkoo kana furuuf sagantaan elektirifikeeshinii biyyaalessaa bocamee hojiirra ooluufi bara 2030 humna elektirikaa sadarkaa biyyaalessaatti waliingahuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Piroojektiin Anniisaa haromsaa hojiilee qonnaaf waliingahuu sadarkaa paayileetiitti naannoo Oromiyaa iddoowwan afuritti, Amaaraa iddoowwan 3tti, naannolee Sidaamaafi Uummattoota Kibbaatti iddoowwan tokkotti kan hojiirra oolu ta’uu ibsameera.
Piroojektichi namoota kuma 15 oliif tajaajila ibsaa, bishaan dhugaatiifi ibsaa daandiirraa kan dhiyeessu ta’uu ibsa Ministeerichi Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen eereera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.