Piroojektii bishaan roobaa cimmisu akka furmaataatti fayyadamuuf hojjetamaa jira – MBI

Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC) – Iddoolee hongeef saaxilamoo ta’anitti piroojektii bishaan roobaa cimmisu akka furmaataatti fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.

Saaxilamummaa hongee hir’isuuf piroojektii bishaan roobaa cimmisan akka furmaataa waaraatti fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaa himaniiru.

Piroojekticha ”Hidha koo boroo kootti” mata duree jedhuun Inistiityuutiin teeknoolojii bishaanii Ityoophiyaa yaaliin taasise milkaa’uu himameera.

Muuxannoo kanarra ka’uun naannoo Oromiyaa Godina Booranaafi naannoo Amaaraa godina Goondaritti piroojektichi hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Piroojektiin kun godina Booranaa manneen barnootaafi qe’ee jiraatootaatti hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Ityoophiyaa bakka hundatti erga bishaan roobaa darbeen booda rakkoo hanqina bishaanii mudachaa jiru furuuf hidha koo boroo kootti piroojektiin jedhamu hojiirra oolchuuf karoorfamuu himaniiru.

Keessattuu iddoolee hanqina roobaa qabanii fi hongeef saaxilamoo ta’anitti piroojektiin kun akka furmaata waaraatti kan tajaajilu ta’uu himaniiru.

Piroojektii Hidha koo boroo kootti jedhuun humna xiqqaan bishaan qulqulluu boroo ofiitti argachuun bu’aa gaarii akka qabu himaniiru.

Maddi:-TOI

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment