Pirojektoota jalqabne xumurree eebbisuun waadaa galle dhugoomsaa jirra! – BKO

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Piroojektoota naannichaa ijaarsi isaanii xumuramuun eebbifamaa jiran ilaalchisee ibsa kenneera.

Piroojektoota jalqabne xumurree eebbisuun waadaa galle dhugoomsaa jirra! Jechuun ibseera.

Bara 2016 keessa pirojektoonni fayyadamummaa uummataa mirkaneessaan kumni 20 fi 664 qulqullina barbaadamuun xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aa jiraachuu himeera.

Guutuun ibsa biirichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa guddina dinagdeetiif utubaadha.
Bakka bu’uuraaleen misoomaa sirnaan hin diriirfamnetti dinagdee jabeessuufi rakkoolee hawaasummaa furuun hin yaadamu.

Biyya keenyatti waggoota dheeraaf maqaa ijaarsa pirojektootaatiin dhagaa bu’uuraa kaa’uu qofaan ummata gowwomsuun rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaa hamaarra ga’an keessaa ijoo ture.

Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu barii jijjiiramaa irraa eegalee ‘waan hin xumurre hin jalqabnu; kan jalqabne xumurree waadaa galle gochaan dhugoomsina’ ejjennoo jedhuun seenaa dhagaa bu’uuraa kaa’uu jijjiire. Aantummaa uummata isaaf qabus jecha gochaan dhugoomsuun mirkaneesse.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas humnoota waloo qindeessee baajata xiqqaa qabus fayyadamuun pirojektoota buleeyyii waggootaaf harkifatan daguugee xumuraafi haaraas kumaatamaan karoorsee kumaatamaan raawwachuun rakkoo hawaas-dinagdee uummata naannoo keenyaa bu’uura irraa furuuf kutannoon hojjechaa jira.

Waggoota Shanan darbe keessattis hojii gama Kanaan hojjetameen milkaa’inni dachaan argameera. Kan karoorfame yeroon xumurree tajaajila uummataaf ooleera.

Karoora xiiqii bara 2016 keessattis pirojektoota baay’ina, ariitii, qulqullinaan hojjechuudhaan rakkoolee nageenyaa qolachaa, gaaffiwwan misomaa deebisaafi bulchiinsa gaarii dhugoomsuun waadaa uummataaf galame gochatti jijjiiruun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Kanaanis yaadanii karoorsuu, karoorsanii raawwachuun faayidaa uummataaf oolchuun hojii idilee mootummaa paartii badhaadhinaa ta’uu isaa qabatamaan mul’achaa kan jirudha.

Karoora xiiqii bara 2016 karoorfameenis pirojektoota fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun rakkoo hawaas-dinagdee furuu danda’an 20,664 qulqullina barbaadamuun xumuree eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaa jira.

Pirojektoonni naannoo keenyatti ijaaraman kunneen birri biliyoona 79 oliin kan ijaaraman yoo ta’u milkaa’ina isaaf uummanni keenya tumsa olaanaa taasiseera.

Uummatni naannoo keenyaa imala jijjiiramaa gama hundaan eegalame milkeessuuf tarkaanfiiwwan gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin mootummaan fudhachaa jiru caalmaatti akka milkaa’uuf tumsi keessan utubaa guddaa ta’uu hubachiifna.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa seenaa dhagaa bu’uraan dhaadachuu maksuun ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kutannoon hojjechaa jira. Uummanni keenyas pirojektoota ijaaraman kunuunsuun itti fayyadamuu qaba.

Kan jalqabne ga’umsaan xumurree eebbisuun tajaajilaaf oolchinee haaraa jalqabuuf karoorfanna.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Waxabajjii 2016

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment