Pirojektoota Goolabnee Ittiin Bulla Malee Hinbubulchinu-Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC)- Pirojektoota goolabnee ittiin bulla malee, Hinbubulchinu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaniin ergaa dabarsaniin mootummaan karoora Imala Badhaadhinaa waggoota kudhanii (2013-2022) erga qopheessee asitti, adeemsa guutumatti jijjiire keessaa tokko rakkoo hamaa ijaarsa pirojektii keessa tureefi madda komii ummataa ta’e hundeerraa buqqisuudha.

Kanaanis waggoota sadan darban (2013-2015) pirojektoota gurguddoo sektaroota adda addaa irratti hojjetaman hedduu ariitii, qulqullinafi baay’inaan xumuruun waadaa gochaan agarsiisaa jira.

Pirojektoonni kunneen bu’uuraalee misoomaa, eegumsa fayyaa, barnootafi teknoloojii babal’isuun kanneen guddinaaf badhaadhina biyyattiif gumaacha olaanaa qabaniidha.

Bara kanas, muuxannoon waggoota sadan darbanii, karoora xiiqiitiin dabaaluun rakkoolee bulchiinsa gaarii ijaarsa pirojektootaatiin walqabatan furaa kan turre yoota’u, gama tokkoon pirojaktoota baajata, yeroofi qulqullina qabameefiin xumuruufi itti quufinsa ummataa dabaluuf hojjechuu irratti argamna.

Akkasumas, hordoffiifi haala qabiinsa pirojektootaa, hoggansa olaanoodhaan yeroo yerootti kallattiidhaan gamaaggamuun madaalliifi dubdeebii kennaa turreerra.

Kanarraa kan ka’e, rakkoolee pirojektootaan walqabatan: qaala’iinsa gabaa, rakkoo qorannoofi dizaayinii, hanqina dhiyeessii meeshaalee ijaarsaafi kontiraaktarootaa osoo hinbubbulin furmaata kennuufi dandeenyee jirra.

Walumaagalatti rakkooleen baramoo adeemsa ijaarsa pirojektoota gufachiisaa turan daran hirdhisuun danda’amee jira.

Waggoota sadan darban (2013-2015) walduraa duuban pirojektoota kuma 11 ol, kuma 20 ol fi kuma 19 fi 912 kan xumurre yoota’u, walumaagalatti pirojektoota kuma 50 fi 983 goolabuun tajaajilaa ummataatiif olchinee jirra.

Bara baajata 2016’tti pirojektoota akka naannootti qabaman kuma 31 fi 167 baasii Birrii biiliyoona 110.91’n hojjetamaa jiran keessaa kan eebbaaf qophaa’an dabalatee, pirojektoonni kuma 30 fi 261 (% 97), sochii keessatti argamu.

Kanneen keessaa bara kana pirojektoota kuma 20 fi 664 baasii birrii biiliyoona 79.43 ta’uun hojjetamaa turan xumuramuun eebbaaf qophaa’anii jiru.

Pirojektoota bara baajataa 2016 qabaman keessaa kan goolabaman %68.3 yoota’u, raawwii waggoota sadan darbaniin walbira qabnee yemmuu ilaallu fooyya’iinsi dansaan jiraachuun ragaa mul’atuudha.

Pirojektoota eebbaaf qophaa’an keessaa pirojektoonni kuma 7 fi 636 Birrii biiliyoona 61.58 baajata mootummaatiin, pirojektoonni kuma 13 fi 28 Birrii biiliyoona 17.85 tajaajila lammummaatiin kan dalagaman dalagamanii jiru.

Sochiin bara kana hirmaannaa hawaasaa gama Tajaajila Lammummaatiin dabaluuf taasifame kan waggoota sadan darbaniirra olaanaadha.

Carraa kanaan hojiilee hirmaannaa hawaasa keenyatiin raawwataman muraasa kaasuun barbaada.

Gama barnootaatiin ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruufi daree barnootaa dabalataa, gama fayyaatiin ijaarsa keellaa fayyaa haaraa, bilookii dabalataa dhaabbilee fayyaa, Faarmaasii Modeela Hawaasaa, iddoo turmaata haadholii hedduun Tajaajila Lammummaatiin hojjetamanii jiru.

Gama bishaanitiin misooma burqaan ijaa, qotiisa boolla harkaa sadarkaa maatiifi boolla harkaa sadarkaa hawaasaa akkasumas diriirsi sarara bishaan dhugaatii misoomeera.

Daandii ilaalchisee, ijaarsi daandii cirrachaa gandaafi gandaa haaraa, suphaa daandii gandaafi gandaa, ijaarsa riqicha aadaa/xixiqqaa, ijaarsa daandii haaraa keessa keessaafi daandii dhakaa bocamaa, raawwatamaniiru.

Dabalataaniis ijaarsa bo’oo lolaa, ijaarsa sheedii IMX, ijaarsa giddu gala gabaasa, iddoo/giddugalawwan oolmaa dargaggootaa, ijaarsa mana fincaanii ummataa, ijaarsa waajjiraalee gandafi kkf Tajaajila Lammummaatiin misoomanii jiru.

Walumaagalatti pirojektoota keenya yeroo, baajatafi qulqullina qabameen raawwachuufi hojiitti galchuun jireenya ummataa keenyaa daran fooyyessuu qofa osoo hintaane, baasii dabalataa hambisuun cinaatti, dinagdee naannoofi biyyaa ceesisuuf gahee olaanaa kan qabuudha.

Agarsiiftuun kunniin karoora bu’a qabeessaafi kutannoo mootummaan galmoota misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf qabu kan muldhisuufi fuldurattis karoora qabate mamii tokko malee fiixan baasuuf kan onnate ta’uu ibsaa, milkaa’ina hanga ammaa keessatti, shoora olaanaa ummanni keenya taphate kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa MNO’tiin ibsuun barbaada.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment