Pirojektoonni jijjiiramaan booda hojjataman misooma diinagdee fi hawaasummaa biyyaalessaaf gahee olaanaa qabu-Aadde Adaanech

Finfinnee, Amajjii 4, 2016 (FBC)- Kutaalee biyyattii garaagaraatti pirojektoonni jijjiiramaan booda hojjetaman iddoolee hawwata tuuristii misooma diinagdee fi hawaasummaa biyyaalessaaf gahee olaanaa qaban ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti hordoffii fi yaada Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadii fi deeggarsa abbootii qabeenyaa ilaalacha qajeelaa fi jalala biyyaa qabaniin kan eegalame, qaama sosochii “Maaddiin Biyyaaf” kan ta’e Mandarri Ikkoo Tuurizimii Wancii Dandii eebbifamuutti “baga gammanne” jedhan.

Qabeenya jiru hubachuun yaadaa fi hojiin misoomsuun, sagantaa Maaddiin Shaggariif” irraa eegalee kutaalee biyyatti garaagaraatti pirojektoonni jijjiiramaan booda hojjetaman iddoolee hawwata tuuristii misooma diinagdee fi hawaasummaa biyyaalessaaf akkasumas ijaarsa maqaa gaarii biyyaaf gahee olaanaa kan qaban tauu eeraniiru.

Mandarri Ikkoo Tuurizimii Wancii-Dandii akka dhugoomuu kan taasisan Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad, pirojekticha irratti kan hirmaatan, abbootii qabeenyaa gumaacha taasisanii fi qaamolee tumsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment