Pirojektoonni Finnaa Godina Booranaa bu’aa gaarii argamsiisaa jiru jedhame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Jilli PireEzidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Pirojektii Finnaa Burquqqee xumuramuun tajaajila kennaa jiru daawwateera.

Hoogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaa, naannichatti pirojektoota Finnaa 73 hojjatamaa jiran keessaa 22 xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.

Kanneen hafanis harka 70 olirra gahuu eeruun, pirojektoonni kunneen guutumaa guututti yoo xumuraman bishaan meetir kuubii miiliyoona 80 qabachuu akka danda’an dubbataniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo gamasaaniin, godinichatti Pirojektoota Finnaa 18 Birrii biliyoona 32’niin hojjamaa jiran keessaa 12 xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.

Godinichatti rakkoon nyaata looniifi bishaanii furamnaan hawaasni horsiisee bulaa hojjatee jijjiiramuuf kan hojjatu ta’uu eeraniiru.

Bara darbe pirojektoota xumuramanii bishaan qabateen lafa misoomerraa callaa kuntaalli 180 argamuu himanii bara kanas lafti hektaarri 28 midhaan gosa adda addaan misoomaa jiraachuu dubbachuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment