Pirojektoonni Birrii biiliyoona 2 oliin babal’ifamaa jiran daawwataman

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Magaalaa Finfinneetti baasii Birrii biiliyoona 2 oliin pirojektoota fayyaa babal’ifamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Afyaa’ii Ittaantuu Aadde Loomii Badhoo dabalatee miseensonni mana marichaa argamaniiru.

Pirojektiiwwan daawwataman kunneen hospitaalotaa Magaalaa Finfinnee Ministeeraa Fayyaa jalatti hogganaman keessatti ijaaramaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Dooktar Liyaan miseensota mana marichaaf ibsa kennaniin, pirojektoonni kunneen baasii Birrii biiliyoona 2’n gaggeeffamaa akka jiranii fi siree wal’aansaa kuma 1 ol kan qaban ta’uu himan.

Pirojektoonni ijaarsarraa jiraanis, giddugaloota wal’aansa Onnee, Kaansarii fi kanneen biroo ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Pirojektoonni eegalaman kunneen wayita xumuraman, damee fayyaan keessumaa tajaajilli wal’aansa dhibeewwan daddarboo hintaane akka fooyya’uuf gahee olaanaa qabaata jedhan.

Daawwannichi sadarkaa pirojektoonni irraa ga’an hubachuun deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment