Pirojektonni misoomaa fayyadamummaa hawaasaa akka mirkaneessan xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisa

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC)- Piroojeektonni misoomaa Naannoo Oromiyaatti hojjetaman rakkoo hawaas-diinagdee ummata keenyaa kan hiikanii fi fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan akka ta’aniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin Naannooromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsaniitti, akka naannoo keenyatti waggoottan muraasa darbanitti pirojektoonni misoomaa ijaaraman qulqullinaafi saffisaan hojjetamuun cinaatti, pirojeektoonni hojjetaman yeroo ka’ameefin dura xumuruu aadaa taa’aa dhufeera.

Kana keessatti qoodni abbootii qabeenyaa, dhaabbilee dhuunfaafi qooda fudhattoota biroos dabalamuu akka qabu baratamaa dhufuu hubachiisan.

Jalqaba jijjiiramaarratti “Hojii hinxumurre hinjalqabnu” dhaadanno jedhuun akkuma waadaa galle, piroojeektota jalqabnu xumuruun aadaa ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Akkuma waggoottan darban Pirojektoota kumaatamaan lakkaa’aman hojjetaman faayidaa hawaasaatiif akka oolan ta’aa turaan, baranas pirojeektoota kuma 29 fi 762 hojjetamaa turan keessaa, pirojeektonni kumni 19 fi 912 xumuramuun eebbifamuu himaniiru.

Kanneen keessaa harki caalu piroojeektoota bu’uuraalee misoomaa yoo ta’an, isaan kunis mootummaan fayyadamummaa hawaasaatiif xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jiraachuu kan agarsiisaniidha jedhan.

Gama biraatiin, piroojeektoota kanneen keessaa kuma 14 fi 600 hojii Tajaajila Lammummaatiin, akkasumas piroojeektoonni kumni 1 fi 200 dhaabbilee dhuunfaatiin kan ijaaraman, mootummaafi seektara dhuunfaa gidduutti hariiroo cimaan, wal amantaafi fayyadamuummaa ummataa bu’uura godhate uumamuu kan mirkaneesse ta’uu dubbataniiru.

Hoggansi jijjiiramaa caasaa sadarkaan jiran kessa jiru waggoottaan muraasa darban keessatti qormaatilee keessaa fi alaa nu muudataniif osoo hinjilbiinfatiin, haalota ulfaatoo hundumaa carratti jijjiiraa fi riqicha taasisee irraan tarkaanfachaa, hojiilee fayyadamuummaa hawaasa mirkaneessan kumaatama hojjechuun akkuma eebbifaman, bara baajataa itti aanuuttis fedhii misoomaa fi jijjiiramaa dabalaa dhufaa jiru deebisuu fi karoora badhaadhina qabaman milkeessuuf itti gaafatamummaa dachaaf akka qophoofnu imaanaa jedha jechuun Obbo Shimallis himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment