Pirojektiin Shaggar boqonnaa 2ffaan misirroowwan cimdii 50’n eebbifamuufi

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)- Finfinnee jireenyaaf mijattuu taasisuu fi hawwattummaa maqaa isheen gitu akka qabaattuuf kayyeeffatamee kan hojjetamaa ture Pirojektiin Shaggar boqonnnaa 2ffaan milkaa’inaan xumuramuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

Pirojektichi boonsa biyyaa, hawwata tuuristootaa, jiraattota magaalattii guyyuu kan tajaajilu ta’ee qophaa’uun ibsameera.

Pirojektichi boqonnaa 2ffaan xumuramuun walqabatee sirna eebbaaf kennaan addaa qophaa’uu eereera.

Haaluma kanaan, cidha isaanii raawwachuuf kan qophaa’an yookaan utuu hinmilkaa’iniif kanneen hafan misirroowwan cimdii 50 ulaagaan filuun sirni gaa’elaa isaanii Onkololeessa 20, 2015 akka gaggeeffamu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment