Pirojektiin jallisii Qexoo Birrii biiliyoona 1’n ijaaramaa jira

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Pirojektiin misooma jallisii Qexoo Birrii biiliyoona 1’n ijaaramaa jiraachuu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojji beeksise.

Misoomni jallisii Qexoo Godina Qellem Wallaggaa naannawaa aanaaleen Hawwaa Galaanii fi Sadii Canqaa waldaangessanitti ijaaramaa jiraachuun eerameera.

Pirojektichi wayita xumuramutti lafa hektaara kuma 2 fi 500 kan misoomsu yoo ta’u, abbootii warraa kuma 5 fayyadamtoota taasisaa jedhameera.

Pirojektiin Jallisii Qexoo bara 2016 kanatti akka xumuramu kan eeramee fi qonnaan bultoonni waggaatti si’a sadii oomishuun fayyadamummaan isaanii akka mirkanaa’u taasisuu keessatti gaumaacha akka qabaatu himameera.

Akkasumas carraa hojii uumuu fi guddina diinagdeef ni gumaacha jedhamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment