Pirojektiin Ikkoo Tuuriizimii Wancii-Dandii Ida’amuun qabatamaan kan irratti mul’atee fi yeroo gababaa keessatti hojii guddaa hojjechuun akka danda’amu kan mirkaneessedha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 4, 2016 (FBC)- Pirojektiin Ikkoo Tuuriizimii Wancii-Dandii Ida’amuun qabatamaan kan irratti mul’atee fi yeroo gababaa keessatti hojii guddaa hojjechuun akka danda’amu kan mirkaneesse ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad himan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirojektii Ikkoo Tuuriizimii Wancii-Dandii har’a eebbisiisaniiru.

Sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin Mandarri Ikkoo Tuuriizimii Wancii-Dandi, yeroo gababaa keessatti hojiilee bal’aa hojjechuun akka danda’amu kan mirkaneessee fi ida’amuu qabatamaan kan argisiise ta’uu himan.

Naannawaa Wanciirraa goototni ba’an hedduun tokkummaa Itiyoophiyaa eegsisuu fi biradummaa ishee kbajchisuuf oolmaa guddaa ooluu yaadachiisan.

Ida’amuun walqabatanii guddachuu waan ta’eef badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ida’amuun murteessaadha jedhaniiru.

Pirojektichi Wancii fi naannwicha misoomaan kan walitti hidhu ta’uu himanii, bu’uuraalee misoomaa hedduu kan hammate waan ta’eef fuulduratti abbootiin qabeenyaa hojiilee hojjetaniif haala mijataa kan uume ta’uu ibsan.

Pirojektiin kun hojii jalqabbii ta’uu kaasanii fuuldurattis hojiilee bal’aan kan eeggatan ta’uu dubbataniiru.

Fuuldurattis Amboo, Haroo Wancii Dandii, Walisoo kan walitti hidhuu hojiilee bal’aan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Kanaaf abbootiin qabeenyaa naannawaa Wancii-Dandiitti hojiilee invastimantiirratti akka hirmaatan Mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Hawaasni naannawaa wancii hojii qabeenyaa uumamaa naannawichaa kununuunsuu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesaniiru.

Aadaa keessummaa simachuu dagaagfateenis keessummoota Wancii-Dandii daawwachuu dhufan faaraa gaariin simachuun maqaa isaa eegsisee akka itti fufsiisuu akeekaniiru.

Qabeenya biyyattiin umamaan badhafamte irratti ciminaan hojjechuun badhaadhina mirkaneessuu qabnas jedhaniiru.

Imala badhaadhinaa eegalame mirkaneessuuf duubaatti hindeebinu kan jedhan Dooktar Abiy fuuldurattis hojiilee misoomaa biyyattii yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf ni tattaafanna jechuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiya gabaaseera.

Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment