Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)-Oromiyaatti Pirojektiin Fuunca Sonaa Qamadii Haala Qillensaa Dandamatu deeggersa Baankii Misooma Afriikaa Doolaara miliyoona 94.3’n jalqabsiifame.
Pirojektichi waggoota shaniif Godinaalee 8 keessatti aanaalee 38 kanneen Oomishaa fi Oomishtummaa qamadiirratti humnaa fi muuxannoo olaanaa qabanittikan hojiirra oolu ta’uun eerameera.
Oomishtummaa qamadii guddisuun, qonnaan bultoonni dinagdee misooma qamadiirraa fayyadamoo akka ta’aniif kan hojjetu ta’uun Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsaniiru.
Kaayyoon pirojektichaas, misooma qamadii jijjiirama qilleensaa dandamatu tekinooloojiin deeggeruu, misooma qamadii jallisiin babal’isuuf bu’uuraalee misoomaa jallisii cimsuu, dargaggootaa fi qaama midhamtootaaf carraa hojii uumuu, dhangaggaa’ummaa biyyee wal’aanuun oomishtummaa qamadii guddisuuf akka ta’es ibsameera.
Dabalataanis, pirojektichi maatii abbaa worraa kuma 200 fi kuma 50 jala jiran miliyoona 1.15 fayyadamoo ta’an keessaas 50% dubartoota fayyadamoo taasisuuf kan hojjetu ta’uu Obbo Bariisoon himaniiru.
Hoji Gaggeessan Pirojektichaa Obbo Lammaa Boggaalaan gama isaaniin akka jedhanitti, oomishtummaa qamadii aanaalee filatamanitti hektaaratti kuntaala 40’n gahuun omishicha toonii miliyoona 4 oliin gahuun galii qonnaan bulaa guddisuuf kan tumsu ta’uu himaniiru.
Galteewwaan qonnaa, mekkaanaayizeeshinii qonnaan deeggaruun oomishaatti sona dabaluun gabaaf dhiheessuurratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Pirojektichi qindoomina sektaraaleen kan hojiirra ooluu ta’uu eeruun, kaayyoo pirojektichaa galmaan ga’uuf qooda fudhattoonni gahee isaanirraa eegamu akka bahatan waliigalamuun himameera.
#Oromia #Ethiopia