Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Pirojektiin Bulchiinsa Yaa’aa ‘ Deeggarsa Bulchiinsa Yaa’aa Jijjiirama cimaa, hammataafi mijataaf’ jedhu ifoomeera.
Pirojektichi Ministeera Bishaaniifi Inarjii fi Giddugala Bishaaniifi Lafaan hojiirra kan oolu yoo ta’u, guyyaa har’aa Yaa’a Oomoo Gibeerratti eegalameera.
Yaa’a Oomoo Gibee dabalataan Waajjiraalee Yaa’aa Awaash, Abbaay, Haroowwan Sulula Qinxamaafi Takazeetti hojiirra kan oolu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Giddugalichaa Dooktar Geetee Zallaqaa himaniiru.
Deeggarsi maallaqaa pirojektichaa Embaasii Neezerlaand Itiyoophiyaatti argamuu fi Gamtaa Awurooppaarraa akka argame ibsaniiru.
Pirojektichi dandeettiiwwan teekinikaafi bu’uuraalee misoomaa qabeenya bishaanii haalaan hogganuu dandeessisan guddisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Warqaafarraawu Yaalawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia