Pirojektiin bishaan dhugaatii Booraalee Birrii miliyoona 24 ijaarame tajaajila eegale

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)- Piroejktiin bishaan dhugaatii Booraalee Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti Birrii miliyoona 24’n ijaarame tajaajila kennuu eegale.

Pirojektichi kanaan duraa rakkoo teekinikaa fi hanqina boba’aan tajaajilli kennuu dhaabbatee turuun kan yaadatamuudha.

Pirojektichaas Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa, Dhaabbata Keer Itiyoophiyaa walta’uun Aannisaa Soolaariin tajaajila akka kennu taasifamuun eerameera.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Araarsoo Abdullaaxiif, akka Godina Harargee Bahaatti pirojektoonni bishaanii aannisaa Soolaariin tajaajila kennaan babal’achaa jiraachuu kaasaniiru.

Pirojektiin bishaan dhugaatii Booraalee Birrii miliyoona 24 oliin hojjetamuu fi jiraattota Aanaa Gursum kuma 63 ol fayyadamtoota akka taasisu eerameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment