Pirojektiin babal’isa Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Bulbulaa eebbifame

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Pirojektiin babal’isa Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Bulbulaa ijaarame xumuramuun har’a eebbifameera.

Manni barnootichaa Bakkaa Kantiibaan Buchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi qondaaltonni magaalattii biroon argamanitti eebbifameera.

Deeggarsa Warshaa Huuccuu Arbaaminciin kan ijaarme pirojektichi, mooraa mana barumsichaa miidhagsuu, ijaarsa dirree shaakala Ispoortii, mana kitaabaa fi mana yaalii akkasumas ijaarsa dallaa kan hammate ta’uun ibsameera.

Hojiin babal’isa mana barnootichaa sagantaa “Barnoonni Dhaalootaaf” jedhuun kan gaggeeffame ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment