Pirojektiin babal’isa Hospitaalaa Rifeeraalaa Gobbaa %95 ol qaqqabe

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuutti Hospitaalli Riferaalaa Gobbaa tajaajila wal’aansaa kennuu daranqaqqabamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuun eerame.

Tajaajila wal’aansaa haaraa hospitaalichatti eegalchiisuun kanaan duraa dhibamtoota gara Hawaasaa fi Finfineettii erguun dhaamaatii ture kan hambisu ta’uun ibsameera.

Daayrektarri Olaanaa Hospitaalichaa Dooktar Jeeylaan Qaasiim akka ibsanitti, hospitaalichi tajaajla wal’aansaa kennuu daran ammayyessuu fi dhaqqabamaa taasisuuf ijaarsa dabalataa fi tajaajiloota wal’aanasaa haaraa eeggaluuf hojjetamaa jira.

Hospitaalichitti babal’isuuf ijaarsa gaggeeffamaa jiruus, gamoo abbaa darbii 8 fi siree dhibamtoota 500 ol ciibsuu danda’u akkasumas kutaalee tajaajila biroof oolan kan qabate ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaas pirojektiin babal’isa hospitaalichaas %95 ol irra ga’uu dubbataniiru.

Hojiilee hospitaalicha babal’isuu fi tajaajila kennamu ammayyeessuuf taasifamu keessatti lammiileen Itiyoophiyaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa akkasumas dhaabbileen tumsitootaa deeggarsa akka taasisaan gaafachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment