Pirojektii madda humna Kooyishaa %62rra qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)- Raawwiin ijaarsa pirojektii Madda Humna Elektirikii Kooyishaa %62’rra qaqqabuun ibsame.
 
Yeroo ammaas hojiin guuttiinsaa konkiriitii meetir kiyuubii miiliyoona 3.25 gaggeeffamuu Ittaanaan Hoji Gaggeessaa Pirojektichaa Obbo Abbaayinee Geetinnat ibsaniiru.
 
Pirojektichaa yeroo qabameef keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa hojiileen hidhaa olaanaa, manneen madda anniisaa, daandii yaa’iinsaa bishaanii fi kaneen biroon gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Sababa hanqina sharafa alaatiin ijaarsi pirojektichaa yeroo qabamee keessaatti akka hinxumuramne taasisee turuus yaadachiisaniiiru.
 
Rakkoolee mudatan furuun hojiilee siviilii pirojektichaa saffisaan gaggeessuuf hojjetamaa akka jiruu fi yeroo ammaa waliigalaan raawwiin pirojetichaa %62’rraa qaqqabuunis ibsameera.
 
Pirojektiin Madda Humna Elektirikii Koyishaa wayita xumuramu waggaatti giddugaleessan humna elektirikii Giggaa Waattii Kuma 6 fi 340 kan maddisiisu ta’uu ragaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment