Pirojektii ijaarsa Biiroo fi kaampii humna dafee qaqqabaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Poolisiin federaalaa Bahaa Ityoophiyaatti pirojektii biiroo fi kaampii humna dafee qaqqabaa ijaarsisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Ijaarsichi Baasii Birrii miiliyoona 676 oliin kan gaggeeffamuu yoo ta’u, sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uurratti Komishinara Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel, Kantiibaa Magaalaa Dirree Dhawaa Kadiir Juhaariin dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Koomishinar Dammallasha akka jedhanitti, dhagaa bu’uuraa kaa’uu qofaa utuu hintaane ijaarsi isaa xumuramee biyyaa cimtuu fi badhaate arguuf Poolisiin Federaalaa riifoormii eegale galmaan ga’uu fi dhaabbataa jabaa Afriikaa taasisuuf hojjetamaa jira.

Humni Dafee Qaqqabaa Ityoophiyaa bara 1947 eegalee qondaaltota poolisii maqaa gaarii qaban hedduu dhaabbata horatee ta’uu yaadachiisanii, yeroo ammaas sadarkaa guddinaa amma jiruu fi dandeetti teeknooloojii cimaa kan qabu dhaabbata poolisii qabaachuu qabna jedhaniiru.

Haaluma kanaan biyya keessatti rakkoolee nageenyaa mudatan dandeettii ofiin furuuf humna dafee qaqqabaa ijaaraa jirra jechuun ibsaniiru.

Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin, Magaalaan Dirree Dhawaa kooriidarii dinagdee fi kanneen biroof madda ta’uu, naannawaaa daldala walabaa Ityoophiyaa ta’uu yaadachiisanii, Poolisiin Federaalaa kaampii humna dafee qaqqabaa Baha Ityoophiyaatti hundeessuun hiikaa olaanaa akka qabu dubbatan.

Pirojektichi rakkoo nageenyaa tokko malee yeroo qabameef keessatti akka xumuramuuf hordoffii barbaachisaa akka taasisaan himuu ragaan poolisii federaalaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment