Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Pirojektii Geejjiba Baaburaa Salphaa Finfinnee misooma magaalaan walsimsiisuun akka barbaachisu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen hubachiisan.
Obbo Ahimad Shideen garee teekinikaa Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayiin durfamu waliin piroketicharratti mari’ataniiru.
Marichis pirojektii Geejjiba Baaburaa Salphaa Finfinnee gamaaggamuun pirojekticha bu’aa qabeessa taasisuuf kan kaayyeeffateedha jedhameera.
Maricharratti Obbo Ahmad pirojektichi adeemsa saffisaa fi bu’aa qabeessa akka qabaatu mootummaan barbaada jedhan.
Yeroo ammaa misoomni koriidoorii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, pirojekticha misooma gaggeeffamaa jiru waliin walsimsiisuun barbaachisaa ta’uu inbsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Gareen teeknikaa Dhaabbata Garee Injinariingii Geejjiba Baaburaa Chaayinaa daawwannaa ogeeyyii teeknikaatiin taasifame irratti gabaasa dhiyeesseera.
Gumaacha olaanaa pirojektichaa tilmaama keessa galchuun sirni suphaa fooyya’uu akka qabuu fi pirojektichi misooma magaalaa waliin kan walsimu ta’uu akka qabu gabaasichaan eerameera.
Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnees Garee teeknikaa Itiyoophiyaa hogganuun Garee Ogeeyyii Chaayinaa waliin ta’uun madaallii waliigalaa gaggeessuu fi yaada furmaataa hojiirra ooluu danda’u akka dhiyeessu ramadameera.
#Oromia #Ethiopia