Pirojektichi daandiileen magaalichaa sadarkaa guddina magaalichaatiin akka walsiman taasisa-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Pirojektiin ijaarsa daandii Mgaalaa Shaggar daandiileen magaalichaa, sadarkaa guddina magaalichaatiin akka walsiman kan taasisuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Guyyaa har’aa, Pirojektii Ijaarsa daandii Guddicha Magaalaa Shaggar (Shegger Grand Road) kutaa magaalaa Kuraa Jiddaatti argamuun jalqabsiisaniiru.

Pirojektiin daandii kun dheerina kiiloo meetirta150 fi baldhina meetira 250 kan qabaatu yoota’u, hundeeffama Magaalaa Shaggarii as boqonnaa seenaa haaraa kan banneedha jedhan

Shaggar lafa seenaa, lafa aadaa, lafa tolaa fi lafa horaa ta’uu ibsanii, gama biraatiin magaalaa egeree yaadama ammayyaawoo irra dhaabbate ta’uu himan.

“Hundeeffamni magaalaa Shaggar galma cabiinsa magaalummaa fi siyaas dinagdee ummata keenyaa wal’aanee fayyisuu fi akka deebi’ee hinmuudanne kan taasisu yoo ta’u, ijaarsi Daandii Guddicha har’a jalqabsiisne kun ammoo adeemsa fedhii fi faayidaa ummata keenyaa gama kanaan jiran kabachiisuuf taasisnu keessatti shoora olaanaa kan taphatudha” jedhaniiru.

Pirojektiin daandii kun kutaalee Magaalaa Shaggar akkasumas baadiyyaa naannaawa Magaalaa Shaggar jiran magaalicha waliin walitti hidhuu cinaatti, daandiileen magaalichaa, sadarkaa guddina magaalichaatiin akka walsiman kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataaniis, yaa’iinsa tiraafika magaalota Shaggarii fi Finfinneef furmaata akka ta’uu ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa daandii dabalatee pirojektoota hedduu guddinnaa fi mija’ummaa magaalota dabalan hojiirra oolchuun, magaalaa fi ummata walitti madaqsuuf halkanii fi guyyaa kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment