Pirojaktiin Qindaa’aan Gumaata Caffee Tumaa qabatamaan Hojitti Hikkamuu eegale

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Pirojaktiin Qindaa’aan Gumaata Caffee Tumaa qabatamaan Hojitti Hikkamuu eegale.

Pirojaktiin rakkoowwan Siyaas-diinagdee, Hawaasummaa fi aadaa fi seenaa deebisuuf bocame,Pirojeektiin Gumaata Caffee Tumaa, Birrii Biiliyoona 3.2 oliin karoorfame guyyaa har’aa bakka Preezdaantiin Buulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Sadarkaa Ittii Aaanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, Hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi Keessummoonni adda addaa argamanitti Aanaa Sulultaatti ifatti hojitti galamee jira.

Sochii hojii guyyaa har’aatiin Dubartoota Harka Qalleeyyiif Looni Fooyya’aani 40 Birrii Miliyoona lamaa oliin bitame dubartoota 40 aanaalee Godinichaa keessaa calalamanii qophaayaniif kan darbe yemmuu ta’u dabalataan manni barumsaa Modeelaa(Model School) Shani(5) Ijaarsa Projaktii isaa cal baasii xumurame kontiraakteroota moo’ataniif obbo Shimallis dabarsanii kennanii jiru.

Karuma wal fakkaatuun namoota harka qalleeyii jiruu gadi aanaa jiraatan mana ijaarachuu hin dandeenyee aanaa Sulultaa keessatti Manni kan ijaarameef ta’uu, lammii qaroomee fi biyya ijaaruuf sochii taasifamu tumsuuf kitaaboliin Wabii Barattootaa hirmaannaa Hawaasaatiin walitti qabame aanaaleef dabarfamanii kennamanii jiru.

Sochii walii gala Projaktii kanaa irratti haasaa kan taasisan bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee obbo Girmaa Hayiluu akka jedhanitti yaaduma Projaktii kanaa yeroo eegallu rakkoowwan hunda galeessa godinichaa sababiiwwan gara garaatiin kuufamaa asi gayan kutannoo oli aanaan hiikuudhaaf gara karooraatti jijjirree kunoo guyyaa har’aa gara hojii qabatamaatti jijjiirre jirra jedhanii jiru.

Kuni injifannoo guddaadha,kanaafis qaamolee hawaasaa milkaa’ina hojii kanaatiif tumsaa jiran galateenfatanii jiru.

Waan cal qabne hirmaannaa hawaasaatiin ni xumurra jedhanii jiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa dabarsaniin cal qabbiin hojii godina keenyaa abdachiisaa ta’uu kaasanii Projaktota Barnootaa har’a dabarfamanii kennaman ariitii barbaadamuun xumuruun tajaajila hawaasaatiif akka oolu miira yeroo hin qabnuutiin hojjatamuu akka qabu kaasuudhaan Badhaadhina Maatii dhugoomsuudhaaf hojiin Dubaroota Godinichaa addaan baasuudhaan deeggarsi Looni Aannanii bitamee kenname gaarii ta’uu kaasuudhaan Motummaan Naannoo Oromiyaas deeggars barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsanii jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment