Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan badhaasa Meedaaliyaa Saayinsii Ameerikaa argatan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC)- Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan badhaasa Meedaaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa Ameerikaa argatan.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Saayintistootaa Damee Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveshinii gumaacha olaanaa taasisan 21 Meedaaliyaa badhaasaniiru.

Damee Saayinsiin Saayintistoota sagal badhaasa Meedaaliyaa Biyyaalessaa Ameerikaa argatan keessaa Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan ni argamuu.

Pireezidaanti Joo Baayidan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti saayintistoonni kunneen hanga iji keenya argituu fi addunyaan bal’atu gararraa hubannoon keenya akka bal’atu taasisaniiru jechuun badhaafamtootaaf ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Comments (0)
Add Comment