Pirofeesar Gabbisa Ejjetaan qorata misooma midhaanii waggaa jedhamuun filaman

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)- Ameerikaatti Yuunivarsiitiin adda duree fi beekamaa ta’e Yuunivarsiitiin Purdi dhalataa Itiyoophiyaa kan ta’an Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa, qorannoo hojiilee qonnaa gaggeessaniin Qorataa Misooma Midhaanii Waggaa jechuun filate.

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan yeroo garaagaraatti qorannoowwan gaggeessaniin sanyiiwwan filatamoo sadarkaa olaanaan oomisha kennuu danda’an kan abuuranyoo ta’u, hayyuun kun qorannoowwan faayida qabeessa gaggeessaniin sadarkaa idil addunyaatti beekkamtii olaanaa argachuu danda’aniiru.

Badhaasota garaagaraa 17 kan argatan Pirofeesar Gabbisa Ejjetaan, dhiyeenya kanas Meedaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa argataniiru.

Yeroo ammaas Yuunivarsiitiin Purdi Qorataa Misoomaa Midhaanii Waggaa Filatamaa jechuun filateeraani.

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan hojiilee qorannoo isaaniin dhaabbilee biyyaalessaa fi idil addunyaa 70 ol gorsuun bu’aalee maxxansaa 200 ol maxxansaaf dhiyeessuu danda’aniiru.

Kanaan duras Badhaasa “World Food Prize” injifachuun isaanii ni yaadatama.

Sanyiiwwan midhaanii maxxantummaa aramaa dandamachuu danda’an abuuruun kan hojjetan Hayyichi, dhaabbata tola ooltummaa Maliindaa Geetis irraa Doolaara miiliyoona 5 argachuun isaanii ni yaadatama.

Baatii Onkoloolessaa darbes Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan irraa Badhaasa “Meedaaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa Ameerikaa” fudhachuun ni yaadatama

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment