Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Ambaasaaddar Mikaa’eel Uputoon waliin dhimmoota barnootaarratti mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeeraa Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Niwuziilaandi Ambaasaaddar Mikaa’eel Uputoon waliin dhimmoota barnootaarratti mari’ataniiru.

Mariin isaanii hojiilee riifoormii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf damee barnootaan eegalamerratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Sagantaa fooyya’iinsa Afaan Ingilizii irrattis Embaasiin Niwuziilaandaa hojii tola ooltummaa irratti deeggarsa akka taasisan Pirofeesar Birhaanuu Naggaa gaafataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Niwuziilaand Ambaasaaddar Mikaa’eel Uputoon gama isaaniin, damee barnootaa Ityoophiyaarratti riiformii gaggeeffamaa jiru dinqisiifataniiru.

Sadarkaa qajeelfamaatti, sagantaa fooyya’iinsaa Afaan Ingilizii ilaalchisees mootummaa biyyattii waliin mari’achuun deebii akka kennan beeksisaniiru.

Fuulduratti, biyyi isaanii, carraa barnoota bilisaa akka bal’isan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment