Pirofeesar Bayyanaan mallattoo qabsoo siyaasa nagaati-Dooktar Abiy

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Pirofeesar Bayyanaa Pheexioroos mallattoo qabsoo siyaasa nagaati jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad Pirofeesar Bayyanaan du’aan boqochuu ilaalchisuun gadda isaanitti dhaga’ame wayita ibsan, Piroefeesar Bayyanaan Itiyoophiyaatti aadaa siyaasaa ijaaraa uumuuf gumaacha olaanaa kan taasisan mallattoo qabsoo siyaasa nagaati jedhan.

Pirofeessar Bayyanaan yeroo dheeraaf wal’aansarra turuun du’aan addunyaa kanarraa har’a boqotaniiru.

Dhaalaa fi hambaan isaan tursiisan cimee akka itti fufu lubbuun isaanii akka nagaan boqottu hawwaniiru Dooktar Abiy.

Pirofeesa Bayyanaan Qaammee 4, 2012 Hoji Gaggeessa Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataa ta’uun muudamuun tajaajilaa turuun ni yaadatama.

Itiyoophiyaatti waggoota hedduuf biyyattii keessatti hayyoota gameeyyii sochii siyaasaa keesatti hirmaachaa turan ta’uun kan beekaman Pirofeesar Bayyanaan, Dura Taa’aa Paartii Sooshaal Diimookiraasii Itiyoophiyaa, akkasumas Paartii Medirekitti Dura Taa’aa ta’uun tajaajilaniiru.

Pirofeesar bayyanaa Pheexiroos yuunivarsiitii Finfinneettis barsiisaa fi Ministeera Barnootaatti Ministir Deetaa ta’uun tajaajiluu seenaan isaanii ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment