Pirofeesar Bayyanaan hojiin bara jireenya isaaniitti hojjetan kan nama boonsuudha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC)- Pirofeesar Bayyanaan hojiin bara jireenya isaaniitti hojjetan kan nama boonsu waan ta’eef dhaloonni irraa barachuu qaba jechuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Sirni geggeessaa reeffa Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos Galma Barkumeetti raawwatamaa jira.

Sirnicharratti Dooktar Abiy akka jedhanitti Pirofeesar Bayyanaan hojiin bara jireenya isaaniitti hojjetan kan nama boonsuu fi dhaloonni irraa barachuu kan qabudha.

Sirna geggeessaa Reeffa Pireofeesar bayyanaarratti Dooktar Abiy Ahimadiin dabalatee qondaaltonni mootummaa, abbootiin amantaalee, waahillan hojii, maatii fi firoottan isaanii argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment