Pirofeesar Bayyanaan hayyuu siyaasa biyyattii tarkaanfachiisuuf amanamummaan ifaajaniidha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Pirofeesar Bayyanaan hayyuu siyaasa biyyattii tarkaanfachiisuuf amanamummaan ifaajaniidha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos yemmuun dhagahu gadda guddaatu natti dhagahama” jedhan.

Pirofeesar Bayyanaan hayyuu umurii isaanii guutuu barnootaa fi qorannoo akkasumas siyaasa biyyattii tarkaanfachiisuuf amanamummaan ifaajan ta’uu ibsaniiru.

Lubbuu isaaniif jeennata, maatii, hiriyoota isaanii fi ummata biyyattii maraaf jajjabinan hawwa jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment