Piriimiyer Liigii Ingiliziin taphoonni 7 har’a ni gaggeeffamu

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Tapha torbee 8ffaa Piriimiyer Liigii Ingiliziin taphoonni torba har’a ni gaggeeffamu.

Haaluma kanaan Totenhaam Hotisparii fi Westhaam Yuunaayitid sa’attii 8:30 irraa eegaluun ni taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 irraa eegalee ammoo Barnimaawuz Arsenaaliin ni keessummeessa.

Akkasumas Fuulhaam Astoonviillaa waliin, Eppiswiich Taawon Ervertan waliin, Maanchistar Yuunaayitid Bireentiford waliin, Niwukaasil Yuunaayitid Biraayitan waliin, Saawuzhamtan Leestersitii waliin taphoota gaggeeffamaniidha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment