Piriimiyer Liigii Ingiliziin taphni Arsenaalii fi Maanchister Sitii kan eegamuudha

Finfinnee, Fulbaana 12, 2017 (FBC)- Piriimiyer Liigii Ingilizii torbee 5ffaan taphni Arsenaalii fi Maanchister Sitii gidduutti har’a gaggeeffamu hawwii olaanaan kan eegamuudha.

Har’a sa’aatii 10:00 irraa eegalee Biraayitan Hoov Albiyoonii fi Nootiingihaam Fooresti Isteediyamii Meeksiikoo irratti ni taphatu.

Sa’aatii 12:30 irraa eegalee ammoo Arsenaalii fi Maanchister Sitii gidduutti taphni gaggeeffamu xiyyeeffannaa olaanaa argateera.

Kilaboonni morkattootaa olaanoo liigichaa ta’an tooftaa fi tarsiimoo taphaatiin morkiin isaan argisiisan hawaasa ispoortii biratti hawwiin akka eegaman taasiseera.

Arsenaal irraa Maartiin Oodeegaardi fi Mikaa’eel Meeriinoon sababa miidhaman taphichaaf kan hinhiriirre ta’uun beekameera.

Maanchister sitiirraa ammoo Naataan Akee fi Ooskaar Boob kan hinhirmaanne ta’uun eeramera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment