Piriimerliigichaan Baankiin Daldalaa itiyoophiyaa fi Magaalaan Walqixxee injifatan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Tapha Piriimerliigii Itiyoophiyaan Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa fi Magaalaan Walqixxee morkattoota isaanii injifataniiru.

Tapha torbee 29ffaan hara gaggeffameen Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Magaalaa Shaashamannee 2 fi 0’n injifachuun dursummaa isaa cimsateera.

Qabxicha hordofees Magaalaan Shaashamannee Piriimerliigii Itiyoophiyaa keessaa gara Liigii Olaanootti gadi bu’uun mirkanaa’eera.

Haaluma walfakkaatuun Magaalaan Walqixxee Hambarichoo 2 fi 0’n injifachuu danda’eera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment