Piriimeer Liigiin Itiyoophiyaa torbee 27ffaan har’a ni eegala

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Sababa taphoota gulaallii Waancaa Addunyaan adda citee kan ture taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 27ffaan har’a eegalee ni taphatama.
Har’a waaree booda sa’aatii 9:00 irraa jalqabee Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Bahirdaar waliin ni taphata.
Akkasumas galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee Walqixxeen Buna Itiyoophiyaa waliin falmiin taasiisan ni eegama.
Boru sa’aatii 9:00 irraa jalqabee Faasiil Machaal waliin kan taphatu yoo ta’uu, galgala sa’aatii 12:00 eegalee Dirre Dhawaan Qidduus Giyoorgis waliin morkata.
Taphoonni torbee 27ffaa kun hanga Waxabajjii 9, 2016 itti fufuun kan taphatamu ta’uu ragaan Waldaa Aksiyoonaa liigicharraa argame ni mul’isa.
Taphoota hanga ammaatti taphatameen Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 56 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 51 sadarkaa 2ffaa fi Bahidaar qabxii 45 sadarkaa 3ffaarratti argamu.
Hambarichoo duraameen qabxii 8, fi Shaashamanneen qabxii 14, Walqixxeen qabxii 16 qofa walitti qabachuun walduraa duubaan sadarkaa dhumaarratti argamu.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment