Piriimeer Liigii Ingilaandiin tapha murteessaa Tootenhaamii fi Maanchiister Siitii gidduutti taphatamu

Finfinnee, Caamsaa 6, 2016 (FBC) – Piriimeer Liigii Ingilaandiin har’a taphni qixxeessituun Tootenhaamii fi Maanchiister Siitii gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo argateera.
Har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee taphni Maanchiister Siitiin morkii waancaa caalmatti murteeffachuu fi Tootenhaam ammoo carraa dhiphaa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argachuuf qabu bal’ifachuuf taasiisan hawwiin eegama.
Kilaboonni lamaan waliigala taphoota150 waliin taphatan keessaa Tootenhaam yeroo 58, Maanchiister Siitiin 59 injifachuun, si’a 33 qabxii qooddataniiru.
Taphni qixxeessituun har’a taphatan kun imala Maanchiister Siitiin yeroo 4ffaaf walitti aansee Waancaa liigichaa fudhachuuf taasisuuf daraan murteessadha.
Comments (0)
Add Comment