Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 7ffaan har’a taphni Liiverpuul Kiristaal Paalaas, Arsenaal Saawuuz hampiton waliin taasiisan ni eegama

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 7ffaan har’a waaree boodaa eegaluun ni taphamu.

Har’a waaree boodaa sa’aatii 8:30 eegalee Kiristaal Paalaas Liiverpuu yoo keessummeessu, waaree boodaa sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Arsenaal -SaawuuzHampiton, Bireentifoord – Woolviis, Leesister Siitiin – Boornimaawuuz, Maanchiister Siitiin – Fuulhaamii fi Weest Haam – Ipisiwiich Taawoon waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Eevartan – Niwuukaastiil waliin falmata.

Boru ammoo waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Astoon Viilaan – Maanchiister Yuunaayitiid, Cheelsiin – Nootiingihaam Forest waliin falmatu.

Galgala Sa’aatii 12:30 eegalee Biraayitan – Tootenhaam waliin morkiin taasiisu ni eegama.

Maddi:-BBC Sporti

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment