Piriimayeer Liigii Ingilaandiin Arsenaal, Kiristaal Paalaasii fi Tootanihaam morkattoota isaanii yoo injifatan Leesiisteer injifatame

Finfinnee, Hagayya 14, 2014 (FBC) –Taphoota Piriimayeer Liigii Ingilaandi torbee 3ffaa har’a gaggeeffameen Arsenaal,Kiristaal Paalaasii fi Tootanihaam morkattoota isaanii yoo injifatan Leesiisteer Siitiin injifatameera.

Piriimaayeer liigichaan har’a taphoonni 6 gaggeeffamaniiru.

Tapha waaree booda sa’aatii 8:30 jalqabee taphatameen Tootanhaam Hootispar 1 fi 0n Woolvarhamptoon injifateera.

Tapha Boornimaawuuz Arsenaal waliin sa’aatii 1:30 irraa eegalee gaggeeffamees injifannoo Arsenaaliin xumurameera.

Boornimaawuuz 0 -3 Arsenaal

Kiristaal Paalaas 3 – 1 Astoon Viillaa

Fuulhaam 3 -2 Bireentifoord

Leesiisteer Siitii 1- 2 Saawuuzhamptoon

Eevertan Nootiingahaam Foorest waliin goolii 1 qixa baheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment