Piriimayeer Liigii Ingilaand torbee 6ffaan boru taphoonni 8 ni taphatamu

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Piriimayeer Liigii Ingilaand torbee 6ffaan boru taphoonni 8 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegaluun ni taphatamu.
Taphoota shanan hanga ammaatti gaggeeffameen qabxii 3 qofa walitti qabachuun sadarkaa 17ffaarratti kan argamu Eevartan sa’aatii 8:30 irraa eegaluun, qabxii 8’n sadarkaa 6ffaarra kan jir Liivar Puul ni keessamuueessa.
Cheelsiin sa’aatii 11:00 irraa eegaluun Weest Haam Yuunaayitiid waliin ni tapahata.
Gabatee Piriimayeer Liigichaan 3ffaarratti kan argamu Tootanihaam Hootisparis Fuulhaam waliin ni falmata.
Taphni Dilbata galgala sa’aatii 12:30 irraa eegaluun Maanchiisteer Yuunaayitiid Arsenaal waliin taphatu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Arsenaal qabxii 15 liigicha dursaa jira.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment