Pirezidant Saahilawarq Zawdeen waggaa bilisummaa 11ffaa Sudaan Kibbaa ilaalchisuun uummataa biyyattiif ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Pirezidantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen waggaa bilisummaa 11ffaa Sudaan Kibbaa ilaalchisuun mootummaa fi uummataa biyyattiif ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pirezidaant Saahilawarq ergaasaaniin, maqaa uummataa fi mootummaa Ityoophiyaan akkasumas maqaa isaaniin uummataa fi mootummaa biyyattiin baga guyyaa bilisummaa waggaa 11ffaa keessaniin isin ga’e jedhaniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii fayyadamummaa waloorratti hundaa’uun cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Sudaan Kibbaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment