Pirezidaantichi dargaggoota tola ooltota daangaa ce’aa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC)- Pirezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoo dargaggoota tajaajila tola ooltota daangaa ce’aa waliin mari’ataniiru.

Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa ce’aa naannolee hundarraa walitti baba’an Magaalaa Hawaasaatti daawwannaa taasisaniiru.

Obbo Dastaan, dargaggoonni bakka deeman hundaatti tokkummaa akka lallabanii fi gaarummaa akka hojjetan hubachiisaniiru.

Dargaggoonni kunneenis dargaggoota Magaalaa Hawaasaa fi guddattoota waliin biqiltuu kan dhaaban yoo ta’u, sagantaa qulqullina magaalaa fi arjooma dhiigaa gaggeessuu isaanii ragaan Waajjiraa Pirezidaantii naanichaarraa argame ni mul’isa.

Gama biraattiin, Obbo Dastaan Ambaasaaddara Fiinlaandi Ootii Holopaaynan waliin dhimmoota barnootaa, bishaan dhugaatii fi miidhamtoota qaamaa irratti waliin hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment