Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC)-Dhiyeenyatti filannoo mo’achuun hojii kan eegalan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Waayit Haawusitti Ministira Muummee Isiraa’el Beeniyaamiin Nitaaniyaahuu waliin mari’achuuf akka jiran gabaafame.
Waajjirri Ministira Muummee Israa’eel akka beeksisetti, gaaffii Doonaaldi Tiraampi irraa dhiyaateefiin torban dhufu keessa Waayit Haawus kan deemuuf jiran Nitaaniyaahuun, Tiraampi erga hojii eegalanii duree Pireezidaanticha waliin mari’an jalqabaa ta’u jedhameera.
Akka gabaasa BBC’tti hoggantoonni lamaan waliigaltee waraana dhaabuu Israa’elii fi Hamaas ilaalchisee ni mari’atu jedhamee eegama.
Pirezidaanti Tiraampi duraan bu’uuraaleen misoomaa Gaazaa hanga deebi’ee ijaaramutti biyyoota olla dabalatee Ijiptii fi Joordaan Filisxeemotaaf akka da’oo kennan yaadni dhiyeessan Anga’oota Filisxeemii fi Hamaas irraa mormiin mudachuuniin ni beekama.
Ijiptii fi Joordaanis yaadicha akka hinfudhanne beeksisanii turan.
Haa ta’u malee Tiraampi mootummaa Nitaaniyaahuu akka hojiirra oolchuuf dhiibbaa akka taasisa himameera.
#Oromia #Ethiopia