Pirezidaant Saahilawarq Zawdeen lammiileen hawaasa miidhaman akka deeggaraniif waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)-Pirezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen lammiileen kutaalee hawaasaa miidhaman deeggaruuf hirmaannaa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezidaant Saahilawarq Zawdeen haasawaa Yaa’ii Idilee Waliigalaa 14ffaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaarratti argamuun taasisaniin, Amantaan iccitii cimina, waldanda’uu fi waliin jireenyaa keenyaa ta’uusaa nan amana jedhaniiru.

Waggoottan lamaan darbanitti biyyattiitti sababoota nam-tolcheefi uumamaan rakkooleen garaagaraa mudachuu yaadachiisuun, haala milkaa’ina qabuun guddachuun kan danda’amu kan bade sirreessuun ta’uu ibsaniiru.

Lammiileen qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gara qa’eesaaniitti deebi’uun jireenya isaanii gaggeeffachuu akka danda’aniif Ityoophiyaanonni hundi deeggarsa taasisuurratti hirmaachuu qabu jedhan.

Yeroo ariifachiisaa qofaatti osoo hin taane, lammii wayita miidhamu deeggarsa namoomaa taasisuun gochaa keenya guyyaa guyyaa ta’uu qaba jechuun, gocha kanaaf hundi tokkummaan akka ka’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbilee amantaa keessatti miirri tajaajila lammummaa cimuu akka qabu dhaamaniiru.

Dabalataanis dhimmoonni amantaa itti gaafatamummaa abbootii amantaa ta’uufi giddu seentummaa qaama kamiiyyuu kan hin gaafanne ta’uu eeraniiru.

Qaamoleen maqaa amantaan walitti bu’iinsa uuman jiraachuu kaasuun, amantaalee gidduu rakkoon jira jedhanii kan hin amanne ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyya hundi walqixxummaafi nageenyaan keessa jiraatu akka taatuuf hundi tokkummaan dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment