Pireezidanti Shimallis dargaggootaa fi lammiilee ga’umsaa qaban horachuuf muuxannoo Ruwaandaa qooddatan

Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)-Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu Ruwaandaatti daawwannaa fi muuxannoo waljijjiirraa gaggeessaa jira.

Haaluma kanaan Jilichi waltajjii marii Dargaggootaa Diinagdee jaarraa 21ffaaf qopheesuu jedhuun, mul’ataa fi imaamataa, humna hojjetu ijaaruuf muuxannoo Itiyoophiyaa, tarsiimoo carraa hojii uumuu mootumma fi dhimmoota biroorratti minitiroota, qondaaltota olaana Ruwaandaa dhimmichi ilaallatu waliin, waltajjii marii fi muuxannoo waljijjiirraa gaggeeffamerratti hirmaataniiru.

Dabalataan sirna barnootaa dijitaalaa Ruwaandaa guddisuu fi lammiilee ga’umsa qaban horachuuf muuxannoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaatti hojirraa oolaa jiru kan argisiisu daawwachuu ragaan Ruwaandaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Kantiibaa Magalaa Kiigaalii Saamu’eel Duuseengiiyumvaas fi hoggantoota olaanoo Waajjiraa Kantiibaa Magaalaa Kiigaalii biroo waliin mari’achuun ni yaadatama.

Mariin isaaniis ijaarsa manneen jireenyaa fi bu’uuraalee misoomaa baasii qusatan, geejjiba magariisaa fi naannawaa bashannanaa babal’isuu, qulqullina magaalaa fi sirna dhabamsiisa balfaa, tajaajila dijitaalaa adeemsa kenniinsa eeyyama ijaarsaa keessatti hammachiisuu, sirna kaffaltii mootummaa dijitaalessuurratti muuxannoowwan gaggaarii jiran, milkaa’inaalee galmaa’anii fi gufuulee jiran irratti mari’achuu himameera.

Jilichi Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa dabalatee, Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Maatiwoos Maaldaayoon kan hammate ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment