Pireezidanti Joo Baayidan Pireezidaanti Yuukireen waliin Waashingitanitti mari’achuufi

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeeniskiin Masaraa Mootummaa Ameerikaa ‘White House’tti boru daawwannaa taasisuuf ta’uu White House beeksiseera.

Pireezidaanti Voloodmiir Zeleniskiin daawwannaa isaanin Pireezidaantii Joo Baayidan waliin wal arguun deeggarsa Yuukireeniif barbaachisurratti ni mari’atuun eegama.

Kongirasiin Ameerikaa wayita deeggarsa hatattamaa taasisuuf mari’achaa jirutti taasifamuun ibsameera.

Pireezidaantichi borurraa eegalee bakka seenaataroonni argamnitti haasawaa akka taasisanii fi qondaaltota biroo waliin kan mari’atan ta’uun ibsameera.

Pirees Sekireetaariyaatiin White House Kariin Zhin Piiyer ibsa kennaaniin, daawwannaan Pireezidaantichaa Raashiyaarraa of qolachuuf tattaaffii taasisaan Ameerikaan deeggaruuf kutannoo qabaachuu argisiisuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Raaashiyaan xiyyaaraa nam-maleeyyii fi misaa’elaan haleellaa Yuukireen irratti gaggeessuu cimsitee itti fufuu kan eeran Pirees Sekireetariin White House deeggarsa barbaachisu taasisuurratti akka mari’atan ta’uu CNN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment