Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) –Pireezidaantoonni naannoolee Amaaraa, Somaalee fi Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ergaa baga geessanii dabarsan
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, kan naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadii fi Pireezidaantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan Ayyaanaa Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni Dhalachuu Iyyesuus Kiristoos Waaqayyoon jaalala dhala namaaf qabu kan itti mul’ise ayyaana afuuraa isa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Waayita ayyaanni kun kabajamu lammiilee rakkoolee garaagaraa keessa jiran gargaaruu fi maaddii qooduun kabajamuu akka qabu Pireezidaantoonni kunneen dhaamaniiru.
Ayyaanni kun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa fi ummata Itiyoophiyaa maraaf ayyaana jaalalaa, araaraa, gammachuu fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.