Pireezidaantoonni naannolee ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC) – Pireezidaantoonni naannolee ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1444ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan hawaasa Musilimaa guutuu Addunyaarratti argaman maran baga Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1444ffaa geessan jedhaniiru.

Ayyaanni Iid Alfaxir ayyaanna hawaasni Musiliimaa gammachuun, walgargaaruu fi miira tokkummaan kabajan ayyaan addaa ta’uu eeraniiru.

Wayita ayyaanichi kabajamu kan rakkate gargaaraa, waan qaban waliif qooduun, hojiilee tola ooltummaa adda addaa uumaan jaalatu raawwachuun Ramadaanaa bara dhufuun nagaa fi fayyaan akka qaqqaban uumaa kadhachaa kabajuun mallattoo hawaasa Musiliimaa ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriinis ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1444ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hawaasni Musiliimaa ayyaanicha wayita kabaju kan rakkatee fi hawaasa harka qalleeyyiif tumsa barbaachisu taasisuun kabajuu akka qaban dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment