Pireezidaantonni naannolee ummanni duulaa biyyaalessaa borii irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)- Pireezidaantonni naannolee Ityoophiyaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabamuuf duulaa gaggeeffamurratti akka naannootti uummanni dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessan.

Duulichaafi qophii barbaachisaa xumuruu beeksisaniiru.

Haaluma Kanaan, Pireezdaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhabuuf boru gaggeeffamu irratti ummanni naannichaa gamtaan akka hirmaatu waamicha dhiheessaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa kana irratti hirmaachuun Ityoophiyaa fooyyofte uumuu fi dhaloota dhufuuf dabarsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Aakkuma baroottan darbanii garaagarummaan amantaa, sabaa fi ilaalcha siyaasaa otoo malee gamtaan ba’uun biyyaaf jecha kan hojjannuudha jedhaniiru.

Naannichattis sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti gaggeeffamuuf qophii barbaachisaan xumuruu eeranii, ummanni boru Adoolessa 10 sa’aatii 12:00 irraa jalqabee iddoo dhaabbii biqiltuu qophaayetti bahuun akkasumaas naannoo hundatti biqiltuu dhaabuun itti gaafatama biyyummaa akka bahatan gaafachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuuun, ummanni naannoo Beeniishaangul Gumuz sagantaa biyyaalessaa biqiltuu miiliyoona 500 boru guyyaa tokkotti dhaabamurratti bal’inaan akka hirmaatau Pirezidaantiin Naannichaa Ashaadlii Hasan waamicha taasisan.

Obbo Ashaadiliin, Ganna kana naannichatti biqiltuu miiliyoona 55 dhaabuuf karoorfamee, karoorichi torban tokkoon dura ifatti jalqabamuu ibsaniiru.

Sagantaa akka biyyaatti biqiltuu guyyaa tokkotti boru dhaabamurratti hundaa’uun nannichatti biqiltuu miiliyoona 10 dhaabuuf karoorfamuu fi qophiin barbaachisu hundi xumuramuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment