Pireezidaantonni naannolee Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Pireezidaantonni naannolee garaagaraa Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ittaanaan Pireezidaantii Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon, Pireezidaantiin Naannoo Uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaa, Pireezidaantiin Naannoo Gambeellaa Obbo Umood Ujuluun hordoftoota amantichaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ittaanaan Pireezidaantii Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon ergaa dabarsaniin, wayita ayyaanicha kabajnu jaalalaan,laphee keenya  haaloofi shira irraa qulqulleessuuniifi haala obbolummaa cimsuu danda’uun ta’uu qaba jedhan.

Pireezidaantiin naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan gamasaniin, carraan nageenyaa argame fayyadamuun fedhii misoomaafi guddinaa uummata keenyaa milkeessuuf xiyyeeffannoo yeroo hojjechuu dandeenyurratti argamna jedhan.

Pireezidaantiin Naannoo Gambeellaa Obbo Umood Ujuluun, Ayyaanni Qillee hordoftoonni amantichaa duudhaa amantaa isaanii kan itti cimsatan, waldanda’uuniifi wal kabajaan waliin jiraachuufi hojjechuu uummata addunyaa maraatti kan mul’isan ta’uu addeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment