Pireezidaantonni Naannolee Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun ergaa hawwii gaarii dabarsan

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Pireezidaantonni naannolee biyyattii garaagaraa Ayyaanaa Iid Alfaxiir kan bara Hijraa 1445’ffaa sababeeffachuun ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umad Ujuluun ergaa dabarsaniin wayita ayyaanicha kabajnuu jaalala, waliif yaaduu fi tokkummaa haala cimsuun ayyaaneffachuu akka qaban dhaaman.

Akkasumas hawaasni musiliimaa Ayyaanaa Iid Alfaxiir wayita kabaju haalaa duudhaa amantichaa hordofeen lammiilee rakkatan gargaruun ta’uu akka qabuu ibsaniiru.

Wayita Soomaatti waliif yaaduu calaqqisiisaa turee yeroo biroos barsiifata taasifachuu qaba jedhaniiru.

Gama biraatiin, Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Baatii Sooma Raamadaanaa darbanitti hawaasni musliimaa kan qabu kanneen hinqabneef qooduun, kanneen rakkatan gargaaruun, harka qalleeyyiif deeggarsa taasisuun sirna amantaa qulqullaa’aa raawwachaa turuun kan galateeffamuudha jedhaniiru.

Duudhaalee waliif oo’uu, waltumsuu fi walgargaaruu wayita soomaatti raawwachaa ture sooma boodas cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaawu Xaasawus ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin baatiin Sooma Raamadaanaa baranaa naannawaa keenyatti sirnoota Afxiraan dabaalamuun kan xumurame yaadannoo adda ta’uu himan.

Heddumminni keenya miidhaginaa fi eebba keenya ta’uu bu’uureffachuun Maaddii Iid Alfaxiir hawaasaaf qooduun walooma keenyaa kan cimsuudha jedhan.

Baatii ramadanaatti waliif yaaduu, waliin qooddatee nyaachuu fi walgargaruu mul’ate fuuldurattis itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Gama biraatiin, Iid Alfaxiir ayyaana waliif yaaduun, walgaafachuu, walgargaaruu fi waloomaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan ibsan.

Obbo Xilaahuun erga Ayyaana Iid Alfaxiir 1445ffaa sababeeffachuu dabarsaniin hawaasni musiliimaa haala barsiisni amantichaa ajajuu fi eeyyamuun waltumsuu fi waliin hojjechuun nageenya waaraa, guddinaa fi badhaadhina waloof mana waloo keenyaaf daran tattaafachuu qabna jedhaniiru.

Ayyaanichis kan nagaa, jaalalaa, waloomaa fi waliif yaaduu akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Gama biraatiin, Mootummaan Naannoo Hararii ergaa baga ittiin isin gahee dabarseen wayita ayyaanichaa kabajnu lammiilee rakkataniif maadii qooduun, aadaa waldeeggaruu fi waliif yaaduun akka kabajatu waamicha dhiyeesseera.

Wayita baatii Sooma Raamadaanaattis duudhaalee waldeeggaruu fi waltumsuu mul’ate cimsuun, nageenyaa fi walooma ayyaanicha kabajachuu akka qabu dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment