Pireezidaantonni Meedaaliyaa “Agricola” argachuu Dooktar Abiy ilaalchisee ergaa baga gammadaanii dabarsan

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Pireezidaantonni naannolee garaagaraa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Dhaabbataa Nyaataa fi Qonnaa Addunyaan badhaasaa Meedaaliyaa “Agricola” argachuu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Giddugaleessa Itiyoophiyaa Indaashaawu Xaasawu ergaa dabarsaniin, badhaasichi waltajjiiwwan addunyaarratti maqaa Itiyoophiyaa kan ol kaasuu fi maqaa gaarii ishee guddisuuf waan ta’eef, gumaacha taasisaniif ni galateeffanna jedhan.

Haaluma walfakkaatuun, Pireezidaantiin Naannoo Kibba-Lixa Itiyoophiyaa Injiinar Nagaash Wageeshoon, badhaasichi hojiilee gaggaarii Ministirri Muummee hojjetan ifatti kan mul’atu ta’uu kan argisiisuudha jedhan.

Haalli kunis, seenaa hiyyummaa addunyaan ittiin biyyattii beeku jijjiiruu keessatti sochii abdii qabeessa ta’uu himaniiru.

Akkasumas, Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilaahuun Kabbadaan gama isaaniin ergaa baga gammaddanii dabarsaniin, kan boqonnaa hinqabne, furmaataa rakkoo Itiyoophiyaaf yaadaa furmaataa kan maddisiisu hoggansa bilchina qabu Ministirri Muummee kennaniin ta’uun dinqisiifataniiru.

Dabalataan, Mootummaan Naannoon Gaambeellaa, badhaasa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Ministirri Muummee argatanitti mootummaa fi ummatni naannichaa kan boonu ta’uu ibseera.

Fuuldurattis damicha guddisuu fi fayyadamummaa gama maraa ummata mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu ummannii fi mootummaan naannichaa hoggansa bilchaataa Ministira Muummee Dooktar Abiy waliin kan hojjetu ta’uu eereera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment