Pireezidaantiin Zimbaabuwee irraa deebiin filaman

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)- Filannoo Pireezidaantummaa Zimbaabuweetti gaggeeffameen marsaa 2ffaaf Pireezidaantiin biyyattii Emersan Minaangaaguwaan injifachuu Koomishiniin Filannoo biyyatti beeksiseera.

Morkattoonni Pireezidaantichaa filannichi waliin dhahameera jedhanis Emersan sagalee filannoo %52.6 argachuun injifataniiru jedhame.

Morkataan Minaangaguwaa jabaa fi Dura Taa’aan Paartii “ Citizens Coalition for Change (CCC)” Neelsan Chaamisaa ammoo %44 argachuun gabaafameera.

Ta’us, paartiiwwan morkattootaa irraa deebiin filannoo pireezidaantummaa gaggeeffame fudhatama dhabsiisuu Aljaziiraan gabaaseera.

Emersaan Minaangaaguwaan bara Faranjootaa 2017 fonfolcha waraanaa pireezidaantii duraanii biyyatti Rooberti Mugaabeerratti gaggeeffameen booda gara aangootti kan dhufan ta’uun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment